Dargaggoonni tajaalila tola ooltummaa marsaa 4ffaaf mata duree ‘Gaarummaa waliin jireenyaaf’ jedhuun leenji’aa turan eebbifaman
Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) –Yuunvarsiitiin Hawasaa Dargaggoota tajaalila tola ooltummaa marsaa 4ffaaf mata duree ‘Gaarummaa waliin jireenyaaf’ jedhuun leenjisaa ture eebbisiise.
Tola ooltoonni guyyoota 22f ogummaa jireenyaa, ga’umsa qaamaa fi bilchina ilaalchaarratti leenji’aa turan eebbifamaniiru.
Sagantaan kun dargaggoonni qajeeltoowwanii fi duudhaalee Ityoophiyaa guddisuun ijaarsa nagaa keessatti gumaacha qabaachuu Ministeera Nageenyaatti dursaan sagantichaa Obbo Gammachiis Ittichaan ibsaniiru.
Kaayyoon leenjichaa dargaggoota qaamaa fi beekkumsaan dorgomaa taasiisuuf ta’uu eeraniiru.
Nageenyi waa hunda kan dursu, kennaa uumamaa fayyadamuuf nageenyi daraan murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Yuunvarsiitii Hawaasaa Dooktar Ayyaannoo Bariisoon ibsaniiru.
Guyyaa har’aa tola ooltoonni leenjii fudhachaa turan 536 eebbifamuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.