Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuu qabu – Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Duulli Maqaa raayyaa ittisa biyyaa xureessuuf taasiifamaa jiru shira biyya dadhabsiisuu ta’uu hubachuun Dargaggoonni Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuu akka qaban Liigiin Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa waamicha dhiyeesse.

Mootummaan garaagarteen kamiiyyuu mariin akka furamu murannoon hojjetaa jiraachuu Hoggantoonni Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa ibsaniiru.

Kanaanis naannolee garaagaraatti qaamoleen hidhannoon socha’aa turan gara daandii nagaatti deebi’uu eeraniiru.

Dabalataan Komishiniin maree biyyaalessaa hundaa’uun garaagarteen jiru mariin akka furamuufi Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yaa ta’uutii dhiyeenya naannoo Amaaraatti gareen hidhattootaa fi saamtootaa daandii cufuun qabeenya uummataa barbadeessaa fi saamuun naannichatti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu mootummaan ibseera.

Raayyaan Ittisaa birmadummaa Ityoophiyaa eegsiisuun gaachana biyyaa ta’uu agarsiisuu Itti Aantoonni Pireezidaantii Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Fadillaa Biyyaa fi Abaang Kumuuddaan ibsaniiru.

Raayyichi Ityoophiyaanoota hunda kan boonse gaacha biyyaalessaa ta’uu kaasaniiru.

Yaalii haleellaa biyya diiguuf taasiifamu guutummaan injifachuun aasxaa biyyaa ta’uu isaa mirkaneessuu kaasaniiru.

Qocholoon Raayyaa Ittisa biyyaarratti taasiifamuu kamuu yaalii biyya diiguu ta’uu hubatamuu akka qabu kaasaniiru.

Dargaggoonni olola sobaa raayyicha maqaa xureessuuf taasiifamuun burjaaja’uu akka hin qabne yaadachiisaniiru.

Dargaggoonni nageenya biyyaa eegsiisuun fayyadamummaa misoomaa ta’uuf itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.