Dargaggoonni kuma 2 ol ta’an dhimmoota haala waqtaawaarratti mari’achaa jiru
Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Waltajjii dhimmoota haala waqtaawaarratti Waajjirri Kaantibaa, Bulchiinsiif nageenyi, Komishiniin Poolisii fi Biiroon Ispoortii magaalaa Finfinnee waloon qopheessanirratti Dargaggoonni kuma 2 ol ta’an hirmaachaa jiraachuu ibsameera.
Dargaggoonni kunneen kutaa magaalootaa hunda keessaa walitti kan babba’an ta’uu ibsameera.
Marichi mata duree ‘Qabsoo qaaliin injifannoo mi’aawaa ni dhandhamanna’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.
Waltajjirratti Hoggantoonni mootummaa Federaalaa, bulchinsa magaalaa Finfinnee, Dargaggoonnii fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamuu himameera.
Maddi:- TOI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.