Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni egeree waloo ijaaruu akka qaban akeekame

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Dargaggoonni eenyummaa walii beekuun egeree waloo ijaaruu akka qaban akeekame.

Mariin Paanaalii Liigii Dargaggaoota Paartii Badhaadhina mataa duree “Gahee Hayyoota Dargaggootaa ijaarsa Mootummaa” jedhuun gaggeeffamaa jirachuun eerameera.

Waltajjicharratti dargaggoonni, hayyoonni yuunivarsitiiwwan irraa walitti baba’an hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen haasawaa taasisaniin, dargaggoonni eenyummaa walii beekuu fi ijaaruu akka qaban eeruun, kanaan egeree waloo ijaaruu dandeenya jedhan.

Pireezidaantii Ittaanaan Liigii Dargagootaa Paartichaa Fadilaa Biyyaa gamaasaaniin, dargaggoonni osoo hinhubatin farrajuurra, madaalanii ilaaluun ijaarsa sirna mootummaaf dirqama isaanii akka bahantan gaafataniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatatti Ministir Deetaan Gargaaraa Waamamaa Mootummaa Gargaaraa Pirofeesaraa Mihiratu Shaanqoon, dargaggoonni ijaarsa mootummaaf yeroo waliin deemuu fi murteessitoota ta’uu akka qaban dubbataniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.