Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni dhalootan Ityoophiyaa fi Eeritiriyaa Kaanaadaa jiraatan hiriira mormii gaggeessan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2014 (FBC) – Dargaggoonni dhalootan Ityoophiyaa fi Eeritiiriyaa Kaanaadaa jiraatan giddu seentummaa biyyoota alaa Ityoophiyaa irratti dhaqqabaa jiru mormuuf Magaalaa Kaanaadaa Otoowaatti hiriira gaggeessaniiru.

Hiriiricha irratti miseensonni hawaasa diyaaspooraa Ityoophiyaa fi lammileen Eeritiriyaa Kaanaadaatti magaalota Otoowaa, Toroontoo, Moontiriyaal, Kuubeek,Sikaarbiir, Kingiisteen fi magaalota biroo jiraatan hirmaataniiru.

Hirmaattoonni hiriirichaa dhaadannoo biyyoonni lixaa dhiibbaa Ityoophiyaa irratti dhaqqabsiisaa jiran mormuu, odeeffanoowwan sobaa miidiyaaleen idil-addunyaa Ityoophiyaa irratti hojjecha jiran akka dhaaban waamicha dabarsaniiru.

Ka’umsi hiriirichaa magaalaa Otoowaa taasisuun Paarlaamaa Kaanaadaa, Imbaasii Ameerikaa fi Kaanaadaa Broodkaastiing Servisii fulduratti hiriira mormii gaggeessuu ragaan Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.