Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni carraa hojii uumamuuf otuu hin tuffatiin fayyadamuu qabu- aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Dargaggoonni carraa hojii uumamuuf otuu hin tuffatiin fayyadamuu qabu- aadde Adaanach Abeebee.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dargaggoonni carraa hojii uumamuufi otuu hin tuffatiin fayyadamuu akka qaban ibsaniiru.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalaa Gullallee Paarkii Inxooxxootti carraan hojii kan uumameef dargaggoota kuma 1 fi haadholii qoraan guuranii gurguraa turaniif qajeelfama hojii laachuu ibsaniiru.

Waltajjichaan aadde Adaanach akka ibsanitti paarkiin Inxooxxoo dargaggootaa fi haadholii hedduuf biddeena, magaalaaf ammoo ijaarsa bareeda ta’uun giddugala abdii ifaa ta’eera jedhaniiru.

Dargaggoota hojii dhabaa Kutaa magaalaa Gullalleee fi magaala Sulultaa fayyadamaa taasisuus ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaa Kutaa Magaalaa Gullallee obbo Balaay Dajan paarkiin Inxooxxoo dargaggoota, hadhoolii fi shamarraan hojii dhabaaf hojii laachurra darbee gaaffii dargaggoota hojii dhabaniif deebii kan laatedha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.