Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni biyyoota Afrikaarraa walitti baba’an Ministeeraa Raayyaa Ittisaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC)- Dargaggoonni biyyoota Afrikaarraa walitti baba’an mana hojii Ministeeraa Raayyaa Ittisaa daawwataniiru.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Maartaa Luwiijiii daragaggoota kanneeniin baga nagaan dhuftan jechuun simataniiru.

Gargaaraa Addaa Ministeerichaa fi Gorsaa Dhimmoota Tarsiimoo Obbo Taayyee Muluugeetaa wayita mana hojichaa daawwachiisanitti, gamoon mana hojichaa rogaa afuriiin boca gaachanaa fi eeboo qabaatee akka ijaarame ibsaniiru.

Gamochi sadarkaa addunyaan irra geesse kan madaaluu fi keessoo isaattis kutaalee hojiilee garagaraa hojjechuuf gargaraan akka qabu ibsaniiru.

Dargaggoonni yaada kennaniin, gamoon ministeerichaa aadaa fi seenaa kan qabatee ibsuun hawwattummaan gamochaa akka isaan gammachiise dubbachuu ragaan Ministeeraa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.