Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni Afrikaa furmaata jijjiirama qilleensaa irratti akka hojjetaniif deeggarsi Doolaara biiliyoona 1 ifoome

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Dargaggoonni Afrikaa furmaata jijjiirama qilleensaa irratti akka hojjetaniif deeggarsi Doolaara biiliyoona 1 ifoomuu ibsameera.

Deeggarsicha kan ifoomse Baankii Misoomaa Afrikaa yoo ta’u, dhaabbata Maallaqaa idil Addunyaa‘Giloobaal Seentar On Adaapteeshiin ‘ jedhamu irraa kan argate ta’uu ‘The Star ‘gabaaseera.

Deeggarsicha ilaalchisee Pireezidaantin Baankicha Ankiinwumi Adeesiinaan dargaggoonni qonna, humnaan,itti fayyadamaa bishaanii, qulqullina naannoo fi kanneen biroorratti kalaqa haaraa hojjiirra akka oolchaaniif kan tumsu ta’uu eeraniiru.

Sababa jijjiirama qabeenyaa qilleensan Afrikaan waggaan Doolaara biiliyoona 5-15 kan dhabdu yoo ta’uu, qilleensa faaluu keessatti garuu gaheen qabdu %3 qofa ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.