Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoo “Nama gargaaruuf nama ta’uun gahaadha” jedhu dhugoomse

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Dargaggoon Abbush Badhaanee galii kophee qulqulleessuun aragturraa namoota harka qalleeyyii 20’f deeggarsa uffata qorraa taasise.

Dargaggoon Abbush Badhaanee jiraataa bulchiinsa magaalaa Amboo ganda Torban Kuttayee Naannoo “Araadaa” jedhamu kan jiraatu yoo ta’u kophee qulqulleessuun jireenya isaa gaggeeffata.

Abbush nama kutannoo, aadaa qusannaa cimaa, sammuu bichaataa qabuufi lammiikoof hanga humnakoo ani jira jechuun deeggarsa taasisu ta’uu ragaan kominikeeshinii magaalaa Amboorraa argame ni mul’isa.

Abbush hojii tola ooltummaan Birrii kuma 12 fi 170 baasuun namoota harka qalleeyyii 20’f uffata qorraa bituun deeggarsa taasisuu ibsameera.

Abbush bara 2011 A.L.I  Ka’umsa Birrii450  hojii Kophee qulqulleessuu kan eegale yoo ta’u galii argaturraa qusachuun yeroo ammaa kaappitaalli isaa Birrii kuma dhibba 4 irra gahuu eerameera.

Dargaggoo Abbush kaka’umsa mataasaan yeroo 4ffaaf namoota harka qalleeyyiif deeggarsa taasisaa turuu namoonni dhiyeenyatti isa beekan ragaa bahuufii ragaan kominikeeshinii bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.