Daran caalchisanii ijaaruun mallattoo Paartii Badhaadhinaati-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC)– Diiguu qofa utuu hintaane Daran caalchisanii ijaaruun mallattooo Paartii Badhaadhinaati jedhan Pireezidantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Seenaa Itiyoophiyaa keessaatti siyaasni paartii umrii gabaabaa kan qabuu ta’uu ibsaniiru.
Waggoottaan 60’n darban siyaasa paartii yoo eegalamu, hanga Paartiin Badhaahdinaa hundeeffamuutti dhamaatii turaniin, paartiin tokkoo jijjiirama kan fidu qofaa utuu hintaane, hogganaa jijjiiramaa ta’uu hubachuun akka hinturre kaasan.
Jiijjiramaa uumuu jechuun waa’ee rakkoolee jiranii irra deddeebiin dubbachuu qofaa utuu hintaanee furmaata maddisisuu gaafatas jedhan.
Shaakalli siyaasa paartii waggootan 60’n darban Itiyoophiyaa keessa ture, waan jibbinuu daran qeequun malee jijjiiramaa ijaaruu barbaannu akeekuurratti hanqinni akka tures himaniiru.
Badhaadhinni Itiyoophiyaa keessaa hojmaataa fi barsiifataa diiguu barbadau hedduun akka jiran kan himan Dooktar Abiy, waan diiguu barbaaduu diiguu qofa utuu hintaanee daran caalchisanii ijaaruu dursee kan itti yaaduudha jedhan.
“Piyaassaa diiguu qofa utuu hintaane Piyaassaa daran caalchisanii ijaaruun mallattoo Badhaadhinaati” jedhaniiru.
Bu’uurri paartii tokkoo yaadama isaa ta’uu fi Paartiin Siyaasaa yaadaa gurmaa’e hinqabne, waan barbaade diiguu, jijjiirama uumuu danda’us, jijjiiramaa hogganuu fi kan abju’atu dhaabuuf ni kan rakkatu ta’uu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia