Fana: At a Speed of Life!

Daneessuumman, tokkummaa utubee walooma keenya kan dhugoomsedha-Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Hoggantoonni fi Hojjettoonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qaammee 4, guyyaa daneessummaa mata duree “Daneessummaa keenya tokkummaa fi nageenya waaraaf!” jedhuun kabajaniiru.

Saganticharratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.

Aadde Sa’aadaan akka jedhanitti, daneessummaan keenya tokkummaafi nageenya waaraaf oolee injifannoon keenya imala badhaadhinaa utubee galma karoorfame ga’uuf kutannoon hojjetamaa jira.

Daneessummaan eenyummaa dhugaa Itiyoophiyaan qabdu qabeenya qaalii miidhagina keenya olqabee mul’isu ta’uu eeraniiru.

Seenaa, Afaan, Aadaa, Amantii, falaasamni jiruufi jireenyaa, heddumminaan kan guutame miidhagina waloo keenyaan kan ijaarame ta’uu kaasaniiru.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan gama isaaniin, Itiyoophiyaan biyya sabdaneettii sabaaf sablammootaan faayamtee tokkummaa cimaan ijaaramte ta’uu ibsuun sabdaneessuummaan walooma kan jabeesse ta’uu dubbataniiru.

Tokkummaan sabdaneessummaan miidhagina olaanaa biyyi keenya ittiin beekkamtu ta’u himuun, sabdaneessummaan humna waloo biyya keenyaa fi miidhagina saboota biyya kanaati jedhan.

Kanaaf, dhaloonni tokkummaan qindoomee waliin dhaabbachuun danoomina mallattoo miidhaginaa fi tokkummaa biyyaa ta’e cimsachuu akka qabu dhaamaniiru.

Mandariinaa Adam fi BKO’rraa

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.