Fana: At a Speed of Life!

Dandiin Qilleensa Ityoophiyaa tajaajilaa fee’umsaaf xiyyaaroota imaaltoota 22 irratti sirreessaa maahandiisuummaa taasise

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Dandiin Qilleensa Ityoophiyaa tajaajilaa fee’umsaaf xiyyaaroota imaaltoota 22 irratti sirreessaa maahandiisuummaa taasise

Daandiichi rakkoo weerara vaayirasiin koroonaa fidee dandamachuuf hojiimaata haaraa fayyaadamuun humna fee’umsaa guddisuuf xiyyaaroonni imaltootaa 22 tajaajilaa fee’umsaa akka kennanif sirreessa mahaandiisummaa taasisuun hojii fee’umsaa jalqabuu beeksiseera.

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa ibsa baaseen sosoochii diinagdee Adduunyaa kan dhaabee vaayirasiin koroonaa wiirtuulee biroo irraa karaa adda ta’en induustirii Daandii Qilleeensaa harka 90n akka dhaabbatuu taasiseera.

Kanuma irraa kan ka’e gareen Daandii Qilleensa Ityoophiyaas baalaliwwan imaltoota harka 90n akka dhaabbatuu taasisuu irraa kan ka’e rakkoon Idil-adduunyaa jireenyuummaa daandiicha qoruu kana darbuuf kaayyoo isaa jijjiiruudhaan hojiimaata haaraa gara fee’umsaa meeshaatti jijjiiruun hojjachaa akka jiru Hojii Rawaachisasan Garee Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Taawaldaa Gabraamaariyaam himaniru.

Tajaajila Oduu Ityoophiyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.