Fana: At a Speed of Life!

Dandeettiin maddisiisa elektirikii Ityoophiyaa Meeggaa Waattii kuma 5 fi 200 qaqqabuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC)- Dandeettiin maddisiisa elektirikii Ityoophiyaa Meeggaa Waattii kuma 5 fi 200 qaqqabuu Koorporeeshiniin Humna Elektirikii Ityoophiyaa ibse.

Waggoottan kurnan dhufanis, waliingahiinsaa dhiyeessii humna elektirikii %96’n gahuuf karoorfamuun ibsameera.

Hoji Gaggeessaan Biiroo Tarsiimoowwan Maddisiisa Humnaa fi Invastimantii Damechaa Maaralam Amdabirhaan akka beeksisanitti, waggoottan kurnan dhufan humna fedhii diinagdee guutuu danda’an bishaan, qilleensa, aduu fi hurkaarraa maddisiisuuf karoorfameera.

Yeroo ammaas, sadarkaa biyyaalessaatti dandeettii humna elektirikii maddisiisuu Meeggaa Waattii kuma 5 fi 200 ga’eera jedhan.

Fedhiin itti fayyadama elektirikii lammiilee saffisaan dabalaa jiraachuu eeruun, fedhii kana guutuufis dhaabbatichi maddeen anniisaa maddisiisan haaraa ijaaruun ergama biyyaalessaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Fuuldurattis, milkaa’ina galmoota misoomaa wixineeffaman kan tumsu dhiyeessii humnaa amansiisaa fi qulqullina qabu dhiyeessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.