Fana: At a Speed of Life!

Dandeettii qophaa’ummaa loltummaa olaanaa humni qilleensaa ijaareef gaheen ogeessaa olaanaadha-L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Amajjii 24, 2017 (FMC)-Dandeettii qophaa’ummaa loltummaa olaanaa humni qilleensaa ijaareef gaheen ogeessaa olaanaa ta’uu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Loojistiksiin Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa sagantaa beekkamtii fi galateeffannaa gaggeesseera.

Saganticharratti Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan, loojistiksiiin Humna Qilleensaa hojiilee dandeetii raawwachiisuummaa dhaabbatichaa sadarkaa caalutti ceesisan hojjechuu ibsan.

Dandeettii qophaa’ummaa loltummaa olaanaa humni qilleessaa ijaareef gaheen ogeeyyii kutichaas olaana akka ture yaadachiisan.

Dhaabbatichi hidhannoowwan Aviyeeshinii haaraa hidhachuurra darbee kanneen of harkaa qabu suphuun dirqamaaf bobbaasuu keessatti hojiileen kutichi raawwate kan dinqisiifatamu ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Leetenal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan raawwii dirqamaa dhaabbatichaan kutaalee gumaachaa olaanaa taasisaniif beekkamtii kennaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.