Fana: At a Speed of Life!

Dameewwan xiyyeeffannaan duraa kennamerratti dhaabbilee alaa hawwachuuf gaheen misiyoonotaa olaanaadha-Obbo Malaakuu Allibal

Finfinnee, Amajjii 1, 2015(FBC)- Filamaatilee invastimatii dameewwan xiyyeeffannaan duraa kennameef irratti dhaabbilee biyyaa alaa dorgomtoota ta’an hawwachuuf tattaaffii taasifamu keessatti gaheen misiyoonotaa olaanaa ta’uu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal dubbatan.

Leenjiin qondaaltota hojii Ministeera Dhimma Alaa, dursitoota misiyoonotaa fi dhaabbilee waamamtootaaf Magalaa Sulultaa Giddugala Hooggansa Afrikaatti kennamu itti fufeera.

Guyyaa har’aas waltajjicharratti Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal, waggoottan afran darban dame indaastirii guddisuuf tarkaanfiiwwan fudhatamanii fi fooyyessa imaammataa taasifamerratti ibsa kennaniiru.

Waggoottan kanneen keessatti dameewwan duraan harka mootummaa jala turan damee dhuunfaaf banaa taasifamuu kaasaniiru.

Invastimantii alaa sadarkaa olaanaan hawwachuuf tattaaffiiwwan taasifamaa jiran, qormaatilee fi kallattiiwwan furmaataa akeekaniiru.

Misiyoononni damee maanufaakchariingii fi dhaabbilee ga’umsa qaban gara biyyattiitti hawwachuu keessatti gahee olaanaa akka bahatan eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dandeettii invastimantii Ityoophiyaan qabduu fi onnachiistuuwwan dame invastimatii Ityoophiyaa sirnaan dhaabbilee alaan ga’uu akka qaban himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.