Dameen Turizimiin toorawwaan xiyyeeffannoo adda baasuun hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Damee Turizimiin toorawwaan xiyyeffannoo adda baasuun hojjetamaa jiraachuu Ministireerri Turizimii beeksise.
Dameen Turizimii badhaadhina biyyaa keessatti shoora olaanaa akka bahuuf toorawwaan xiyyeffannoo adda baasuun hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin himaniiru.
Ministeerichi raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyyeessera.
Ambaasaaddar Naasiise Caalii, Dameen Turizimii badhaadhina biyyaa keessatti shoora olaanaa akka bahatuuf toorawwaan xiyyeeffannoo adda baasuun hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Qabeenyi Tuurizmii akka eegamuuf qorannoon adda baasuun qooda fudhatoota waliin qindoomuun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhaabbiilee tajaajila Tuuristi kennan mijataa taasisuu fi babal’isuu akkasumas bakkeewwaan hawwata turizimi akka beeksifaman taasifamuu ragaan Mana Mare Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni mul’isa.