Fana: At a Speed of Life!

Dameen innooveeshinii fi teeknoolojii sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa akka tumsuuf hojjetamaa jira-Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Dameen innooveeshinii fi teeknoolojiin ergama sagantaa fooyya’iinsaa diinagdee biyya keessaa tumsuun haalota mijatoo uumuuf, hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Teeknooloojii fi Innooveeshinii Dooktar Ballaxaa Mollaa ibsan.

Ministeerichi raawwii karooraa damichaa fi karooraa bara 2015 ilaalchisee ittigaafatamtoota biirolee naannolee fi dhaabbilee itti waamamoo waliin mari’ateera.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Ballaxaa Mollaa waltajjicharratti, Ityoophiyaan qormaatilee hedduu keessa taatus, mootummaa fi naannoleen qindoominaan yoo hojjetan rakkoolee jiran ce’uun ni danda’ama jedhaniiru.

Rakkoolee ce’uun kan danda’amu, hojmaanni beekumsaan hogganamu wayita mirkanaa’u jedhanii, saayinsii fi teeknooloojiin ammoo furmaata rakkoo beekumsaan hogganamuuf tumsa jedhan.

Bara 2014’tti imaammata, seerotaa fi ka’umsaa karoora bara 2015’f hojiileen ga’umsa naannolee cimsan akka gaggeefaman himaniiru.

Kaleessa guddinni biyyoota biroo qabeenya umamaa ta’uu mala jedhanii, har’a iccitiin guddina saayinsii fi teeknoolojiin ta’uun erga mirkanaa’ee bubbuleera ibsan.

Akka Ityoophiyaatti kallatti misooma diinagdee biyya keessaa taa’e bu’aa qabeessaa taasisuuf, damechi madda diinagdee barbaachisaa akka ta’uu fi gahee isaa akka bahatuuf naannoleen hunduu xiyyeeffaannaa mootummaa argachuu qabuu hubachiisaniiru.

Akka biyyaatti damechaaf naannolee hundatti xiyyeeffannaan waan kennamneef, qaamoleen hundi xiyyeeffannaa akka kennanii fi ministeerichis deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.