Fana: At a Speed of Life!

Dameen Geejjibaa fi Loojistiksii sochii diinagdee biyyaalessaaf gahee olaanaa bahachaa jira-Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)-Dameen Geejjibaa fi Loojistiksii sochii diinagdee biyyaalessaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Waltajjiin sosochii mata dureen “Imala kabajaa fi nageenya lammiilee mirkaneesse”jedhuun tajaajila damee Geejjibaa fi Loojistiksii fooyyessuurratti xiyyeeffate Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Dooktar Alamuu Simeen akka jedhanitti, damichi lafee dugdaa diinagdee biyyattii ta’eera.

Ta’us, hojmaataa badaa damichaa fi rakkoo bulchinsa gaarii mul’atan qormaata damichaa ta’uu kaasaniiru.

Ga’umsa malee dhaabbileen eeyyamaa konkolachisummaa kennanii fi qaamoleen mootumma gochaa kanaaf tumsa taasisan akkasumas nageenyumma qabeenya konkolaataa isaanii utuu hinmirkaneessiin tajaajila kennuun maqaa gaarii damichaa kan balleessan ta’uu yaadachiisan.

Waltajjiin sosochichaas damicharratti hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiisaniiru.

Wandimmuu Addunyaa, Masaafinti Iyyaayyuu fi Hiiwot Abbabaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.