Fana: At a Speed of Life!

Dameen baankii abbootii qabeenyaa alaaf banamuun jijjiirama olaanaa fida jedhame

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Dameen baankii Abbootii qabeenyaa alaaf banaa ta’uun jijjiirama olaanaa dame baankiirratti akka fidu ibsame.

Manni Maree Ministirootaa wixinee imammaataa damee baankii invastaroota alaaf banaa taasisuuf dhiyaate akka hojiirraa ooluuf murteessuun ni yaadatama.

Kana hordofees Ministirri Miisteera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal toora Tiwiitaraa isaaniin akka ibsanitti, Ityoophiyaa invastimantiif dorgomtuu fi mijattu taasisuuf murtoo jijjiirama bu’uuraa fiduudha.

Dabalataanis, indaastirii faayinaansii ammayyeessuun diinagdee guddisuun gahee bakka bu’ummaa hinqabne bahata jedhan.

Ogeessi Diinagdee Obbo Zamadeenee Nigaatuu gama isaaniin murtee seena qabeessa jedhaniiru.

Ogeessichi dabaluun, waggoota 50’n booda baankonni alaa akka gara Ityoophiyaa dhufaniif murtoon Manni Maree Ministirootaa murteesse jijjiirama olaanaa akka fiduu amantaa qaban ibsaniiru.

Damee baankii invastaroota alaaf banaa taasisuun tajaajiloota damechaa beekumsaa fi teeknoolojiin deeggaruuf, walitti hidhamiinsa diinagdeen Ityoohiyaa gabaa alaa keessatti qabu akka ceesisu, dorgomtummaa, bu’aa qabeessummaa fi si’aayina damee faayinaansii dabaluu fi dhiyeessiin faayinaansii akka jiraatu imaammati tasisuu raga’eera.

Imaammatichi dhiyeessii sharafa alaa si’eessuu, carraa hojii umamu dabaluu, bu’a qabeessummaa diinagdee fi dorgomtummaa idil addunyaa mirkaneessuuf guddina dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf dandeessisas jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.