Fana: At a Speed of Life!

Dameen Aviyeeshinii Ityoophiyaa dorgomtummaa fi barbaadamummaa isaa itti fufsiseera jedhame

Finfinnee, Adooleessa 12, 2012 (FBC) – Dameen Aviyeeshinii  Ityoophiyaarra weerarri COVID-19 dhiibbaa irraan gahus dorgomtummaa fi barbaadamummaan isaa itti fufuu Ministeerri Geejjibaa beeksise.

Weerarri COVID -19 damee Aviyeeshinii  Ityoophiyaarra dhiibbaa gahus dorgomtummaa fi barbaadamumma isaa itti fufsisuu ministirri Ministira Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogasii ibsan.

Ministirittin Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa waliin ta’uun weerarichi damicharratti dhiibbaa qaqqabsisu hiri’isuun bu’aan akka argamu ta’eera jedhan.

Daandiin qilleensicha balaliiwwan kuma 100 keessaa  balaa xiyyaaraa qaqqabuu qabxii 0.4 fiduun raawwii isaa dhibbaa dhibbaa galmeessuu aaddee Daagimaawit ibsaniiru.

Sadarka idil addunyaatti ulaagaa eeggateen hojii Odiitii %91.7 galmeessuun Afrikaarratti 1ffaa addunyarratti ammoo sadarkaa 20ffaa argachusaa beeksisaniiru.

Naannoowwan buufata konkoolaata fi keenna tajaajila geejjibaarratti weerara vaayrasichaa ittisuuf hojiiwwan hojjeetama jiran  ciminaan akka itti fufan dubbataniiru.

Hojiwwan kanneen keessaas kanneen akka harka dhiqachuu ho’a qaama imaltoota adda baasuufayi jedhaniiru.

Maddi:-TOI

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.