Damee Teeknikaa fi Ogummaaf diijitaalaayizeeshiniin dhimma dorgomaa ta’anii itti fufuuti-Dooktar Bakar Shaallee
Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Damee Teeknikaa fi Ogummaaf diijitaalaayizeeshiniin dhimma filannoo qofa osoo hin taane dhimma dorgomaa ta’anii itti fufuu ta’uu Ministeerri Hojii fi Ogummaa ibse.
Ministeerichatti dameen Teekinikaa fi Ogummaa dhaabbilee itti waamamtoota waliin ta’uun raawwii hojiisaa gamaaggameera.
Damee Teeknikaa fi Ogummaaf diijitaalaayizeeshiniin dhimma dorgomaa ta’anii itti fufuu ta’uu fi qabiinsi ragaalee saffisaa, qulqullina qabeessaa fi teeknooloojiin deeggaramuu akka qabu Ministeerichatti Ministir Deetaan dame Teeknikaa fi Ogummaa Dooktar Bakar Shaallee eeraniiru.
Bara baajataa kanatti hojiileen qulqullina leenjii, mirkaneessa ga’umsaa fi kenniinsa leenjii fooyyessuurratti hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu kaasaniiru.
Ministir Deetaan Gorsituu Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Nabiihaa Mahaammad gamasaaniin, gama misooma ogummaa fi nageenya indaastirii mirkaneessuun teekiniknii fi ogummaan faayidaa guddaa qabaachuu fi xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.