Fana: At a Speed of Life!

Damee Indaastirii Oomishaarraa galiin Doolaarrii miiliyoonni 418 argamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Baatiwwan kurnan bara baajataa 2014tti damee Indaastirii Oomishaarraa galiin Doolaarrii miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 18 argamuu Ministerri Indaastirii Beeksise.

Bara baajatichaatti damicharraa galii Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 98 argamsiisuuf karoorfamee galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 18 argamuu ibsameera.

Galichi kan bara darbee yeroo walfakkaataan walbira yeroo qabamu caalmaa Doolaara miiliyoona 102 qabaachuu eerameera.

Oomisha huccuurraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 53, nyaataa fi dhugaatiirraa Doolaarri miiliyoonni 93.8, gogaa fi bu’aalee gogaarraa Doolaarri miiliyoonni 33, Keemikaalaa fi galtee konistiraakshiniirraa Doolaarri miiliyoonni 22.6, Teeknooloojii manuufaakchariingii fi Injinariingiirraa Doolaarri miiliyoonni 16.7 fi foonii fi aannan irraa Doolaarri miiliyoonni 98 argamuu eerameera.

Galichi kan argame oomishaalee alergii toonii kuma dhibba 1 fi kuma 46 fi 342rraa ta’uu ibsameera.

Oomishni damichaa bara kanaa alatti ergame kan bara darbeen walbira qabamee yeroo ilaalamu toonii kuma 17 fi 634  caalmaa qabachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

 Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.