Fana: At a Speed of Life!

Damee Indaastirii Konistraakshiniin bu’aalee qorannoo biyya keessaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Damee Indaastirii Konistraakshiniin bu’aalee qorannoo biyya keessaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsan.

Dorgomtummaa damichaa guddisuuf buaalee qorannoo biyya keessaarratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Bu’aalee qorannoo damicharratti gaggeeffaman gara hojiitti jijjiiruun hojii boruuf kaa’amu akka hin taane agarsiisa qorannoo magaalaa Adaamaatti qophaa’erratti argamuun  ibsaniiru.

Daayrektarri olaanaan Inistiityuutii konistiraakshin Maaneejimantii Injinar Taammiraat Muluu gamasaaniin bu’aalee qorannoo fi teeknooloojii biyya keessaa jajjabeessuunii fi guddisuun dorgomtummaa indaastirichaa dabaluurra darbee gama hawaasummaa fi diinagdeen ga’ee olaanaa kan taphatu ta’uu ibsaniiru.

Agarsiisicharratti bu’aaleen qorannoo kalaqaa fi teeknooloojii 14 ol bifa egzibiishiniin dhiyaachuu fi Miseensonni koree dhaabbii dhimmoota magaalaa fi geejjibaa, bakka buutonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi hoggantoonni olaanoon damichaa argamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.