Damee dippiloomaasiin haala kanaan duraarra tattaaffii guddaan ni hojjetama- Ambaasaaddar Reediwaan Huseen
Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Damee dippiloomaasiin hojiileen haala yeroo ilaalcha keessa galchan xiyeeffannoo itti kennamee kan hojjetaman ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reediwaan Huseen ibsan.
Meeshaalee rakkoo yeroo ammaa Ityoophiyaa mudate salphisuuf gargaaran keessaa tokko hojii dippiloomaasii ta’uu kaasaniiru.
Damichaan haala kanaan duraarra tattaaffii cimaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Dippiloomaatonni naannichatti bu’aa ji’oopolitikaa of eeggannoon xiinxaluun hojiilee faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa eegsisan irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.