Damee dippiloomaasii gamhedduun gaheen Itiyoophiyaa dabaleera-Amb. Nabiyaat Geetaachoo
Finfinnee, Amajjii 08, 2017 (FMC)- Damee dippiloomaasii gamhedduun gaheen Itiyoophiyaa dabaluu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan.
Ambaasaaddar Nabiyaat ibsa kennaniin, baatiiwwan ja’an darban faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf bu’aaleen qabatamaan galmaa’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuuf hojiileen bal’aan hojjetamuu fi naannawichatti nagaa kabachiisuuf gaheen qabdu beekamtii akka argattu taasiseera jedhan.
Biyyoota garaagaraa waliin hariiroo gamlamee cimsuuf aanga’oonni 128 ol daawwannaa taasisuu eeranii, kunis michummaa Itiyoophiyaa cimsuu bira darbee faayidaalee waaraa fi ejjennoo waqtaawaa bu’uuressuu kan dandeessise ta’uu dubbatan.
Itiyoophiyaan Miseensa Mana Maree Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii akka taatu filatamuun milkaa’inaa baatiiwwan ja’an darban keessa galmaa’an ta’uu yaadachiisanii, kunis damee dippiloomaasii gamhedduun gahee Itiyoophiyaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa biyyoota garaagaraatti lammiilee rakkoolee garaagaraa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf karoorfamee, lammiilee kuma 33 deebisuun akka danda’ame himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Hariiroo uummataa fi uummataa cimsuuf hojiilee hojjetamaniin, Itiyoophiyan barattoota biyyoota ollaa 968’f carraa barnoota bilisaa kennuu himaniiru.
Kanaanis baatiiwwan ja’an darban qormaata hedduu keessatti milka’inaaleen dippiloomaasii olaanaan galmaa’uu Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan.
#Oromia #Ethiopia