Fana: At a Speed of Life!

Damee dinagdeen jijjiiramaa ilaalchaa fiduuf gaheen miseensota paarlaama olaanaadha- Afyaa’ii Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) –  Damee dinagdeen jijjiiramaa ilaalchaa fiduuf gaheen miseensota paarlaamaa olaanaadha jedhan Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoon.

Hooggantoonnii Fi Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gamaaggama karoora waggoota 10 damee dinagdee gamaaggamaniiru.

Dinagdeen walqabatee waajjiraalee raawwachistotaa gaaffilee ummataa hindeebisne itti gaafatamtoota taasisuurraa darbee tarkaanfiin aangoorraa ari’uu kan fudhatamuu ta’uu himaniiru.

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktaar Fitsum Asaffaa gabaasaa waggootaa 10 bu’uureffachuun dameewwan guddina dinagdee mirkaneessan irratti miseensota mana marichaaf gabaasa dhiyeessaniiru.

Karoora waggoota 10 milkeessuuf hojiileen to’annoo fi hordoffii akkasumaas murteewwan siyaasaa barbaadanirratti sirreeffamnii akka taasifamu marii gaggeeffamerratti eerameera.

Hudhaalee guddina diinagdee ta’an imaamataa, tarsiimoo, labsii fi qajeelfamoonni akka fooyya’aniif gaheen mana marichaa olaanaa ta’uun ka’eera.

Bu’uuraa karooraa waggoota 10 kanaan lammiileen fayyadamtootaa haqa qabeessa akka ta’aniif, hoongtoota gaaffilee uummataa hindeebisne irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu miseensonni mana marichaa maricharratti hirmaatan eeruu ragaam mana mare bakka bu’oota ummataarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.