Fana: At a Speed of Life!

Damee barnootaan Qindoomninni Hooggansa Dubartootaa Biyyaalessaa hundaa’e

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) – Damee barnootaan Qindoomninni Hooggansa Dubartootaa Biyyaalessaa hundaa’e.
Itiyoophiyaatti hundeeffamni damee barnootaan qindoomninni hoggansa dubartootaa biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.
Ministiri Deettaan Barnootaa Dooktar Garramuu Hulluuqaa damee barnootan dubartoota gara hoggansatti fiduun dubartoota gahoomsuu irra darbe faayidaa olaanaa qabaachuu hubachiisan.
Biyyaatitti damee barnootaan dubartoota gara hoggansaatti fiduuf hojiin hojjetame %10 kan hin guune ta’uu ragaan jiru ni mul’isa.
Damee barnootan dubartoota gara hoggansatti fiduun dame kanaan jijjiramni galmaa’u qabu akka galmaa’u barbaachisa waan ta’eef qindoomina biyyoleessaa gumachaa olaanaa qaba jedhame.
Qindoominni kun hojimaata jiru keessatti hudhaalee jiran darbuun dubartoonni dandeettii qaban akka fayyadamniif isaan gargaara jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.