Fana: At a Speed of Life!

Dambi Doollootti piroojektoonni ijaarsi isaanii adda citee ture yeroo ammaa xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aa jiru jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC) – Magaalaa Dambi Doollootti piroojektoonni sababa rakkoo nageenyaan ijaarsi isaanii adda citee ture yeroo ammaa xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aa jiraachuu ibsameera.

Magaalichatti hojiileen misooma bu’uura hojjetamaa jiran dargaggoota kuma 1 fi 300 ta’aniif carraa hojii uumuu Bulchiinsi magaalichaa ibseera.

Bara baajata kana piroojektoonni misoomaa rakkoo hawaas-diinagdee jiraattoota magaalicha furan 14 Birrii miiliyoona 50 oliin ijaaramaa jiraachuu eerameera.

Itti Gaafatamaan Itti Aanaan Mana qopheessaa Magaalaa Dambi Doolloo Obbo Gammachuu Waaqjiraa, dargaggoonni magaalichaa waldaan gurmaa’uun piroojektoota misoomaa garaa garaa ijaaraa jiraachuu himaniiru.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.