Fana: At a Speed of Life!

Dambi Doolloon biyya misoomaa fi biyya nama hammatuudha jennee gaafa dubbannu jecha dhageenyee miti keessaatti waan guddanneefi –Dooktar Abiy

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC)- Dambi Doolloon biyya misoomaa fi biyya nama hammatuudha jennee gaafa dubbannu jecha dhageenyee miti keessaatti waan guddanneefi jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Haasaa guutuu MM Abiy Ahimad Dambi Doollootti taasisan
“…Naannoon kun waan argachuu qabu, waan isaa tolu dhabee waan tureef xiyyeffannaa addaattin misoomsuugaafa kaanu gargaarsa addaa gochaafii kan jirru osoo hin taane, waan isaa malu…”
“wal ajjeesuu, wal dhiibuu, wal irratti hinaafuudhaan Oromoo fi Oromiyaa miidhuun alatti injifannoo haaraa galmeessisuu waan hin dandeenyeef, tasgabbiin baayyee murteessaa dha.”
“Farankaan kiisii keessa gaafa taa’u hin waca…Qarshiin abbaa Dhibbaa, Abbaa Dhibba Lamaa jiraannaan, sagaleen isaa hin dhaga’ama…Gaafa ol guddachaa baatanii, gaafa gochuu dandeessanii, afaan sassaabbachuu, laphee bal’achuu, hojjatanii agarsiisuu barbaada.”
…..
Abbootii Gadaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, jallatamtoota uummata Dambidoolloo fi nannawaa ishee, kabajamoo Obbo Dammaqee Mokonniin, Kab. Obbo Binnaalf Anduwalem, kabajamtoota keessummoota keenyaa, biyya jaallatamaa, biyya bareedaa, biyya hawwataa, biyya dhufanii hin quufin kanatti yeroo lammataaf wal arguu danda’uu keenyaaf, ija nagaan wal-arguu danda’uu keenyaaf gammachuu natti dhaga’ame isiniif ibsuun barbaada.
Qellem, Dambidoolloon, Wallaggi, biyya misoomaatii, biyya hawwataa, biyya nama haammatuu dha jennee gaafa dubbannu jecha dhageenyee miti. Keessatti guddannee, miillaan keessai fiignee, bitaa mirga ilaallee, enyummaa keenya caalaatti keessatti barannee, isiin beeknaa. Har’as isin jaalannaa! Baga nuu jiraattan!
Wallaggi seenaa guddaa qaba. Waan dubbatamee hin dhumnes of keessaa baayyee qabaa. Haa ta’u iyyuu malee waan xixiqqaatiin qabame waan jiruuf seenaan isaa gurguddaan dhokachaa tureera.
Har’a yeroo daandiin kun jalqabamu, namoota muraasa kaasudhaan Wallaggi biyya kana ijaaruuf, uummata kana bilisoomsuuf aarsaa akkamii akka kaffale, qabsoo akkamii akka gochaa ture yaadachuun warra as jiruufis, warra asi hin jiraanneefis baayyee waan barbaachisaa ta’eef namoota muraasan kaasuu barbaada.
Itoophiyaan Abdiisaa Aagaa kaasuu baannaan bilisummaan Itoophiyaaf hin gallee jechuu dha. Abdiisaa Aagaa jechuun biyya keessatti duwwaa osoo hin taanee, biyyaa ba’ee alattis birmadummaa biyyaaf, faashistii balleessuuf amma aarsaa ta’uutti nama qabsa’ee Walagga, Oromiyaaf Itoophiyaa gootummaan kan beeksise waan ta’eef, Wallaggi har’as boris Abdiisaa Aagaa maqaa kaasuu fi yaadachiisuudhaan hagam birmadummaaf akka qabsa’an Uummta itoophiyaaf, uummata addunyaaf ibsuun yeroo itti barbaachisu natti fakkaata.
Isaa alattis walqixxummaa namootaaf, bilisummaa namootaaf, namoonni addatti qabsa’an naannoo kanaa ba’an. Namoonni baayyeen, Maartiin Luuter Kiing wal qixxummaaf qabsaa’ee, amantaan amantaaf qofa osoo hin taanee, mirga namummaaf ta’uu qabaa waan jedheef addunyaan guutuun hin dubbataaf. Garuu Maartiin Luuter Kiing Oromiyaa irraa ba’e—Wallaggaa keessaa ba’e Luba Guddinaa Tumsaa, hojii isaa fi gocha isaatiin Maartiin Luuter Kiingii gadi nama ilaalamu miti. Qabsaa’eera, barreesseera, dubbateera, uummata koo hin ganu jedhee aarsaa ta’ee jira. Inni sunis kanuma godhe keenya dubbachuu waan dadhabneef dhokatee hafe malee. Maartiin Luuther Kiingiin Itoophiyaa Lubi Guddinaa Tumsaa asuma nu keessaa kan ba’e ta’uusaa yaadachuuf, dargaggoon har’aas akka isaa ta’uuf of qopheessuu, of barsiisuu, of agarsiisuu, hojiidhaan of mul’isu akka qabdan dhaamsa koon dabarsuu barbaada.
Luba Guddinaa Tumsaan jedhe malee, Luba Gidaadaa Soolan, Luba Lataa… namoota baayyee naannoo kana irra maqaa kaasuun ni danda’ama. Amantaa isaanii bal’ifachaa, Ergaa Waaqayyoo weellifachaa, mirga dhalootaaf-namoonni hunduu wal qixxummaadhaan jiraachuu akka danda’an biyya kana barsiisanii, biyya kana keessaa ba’anii, fagoo deemanii barsiisanii, enyummaa uummata kanaa agarsiisanii kan aarsaa ta’an bayyee dha.
Kanaa alattti gama siyaasaan biyya kana karaa dimokiratawaa ta’een ijaaruuf, Itoophiyaan hunda qixxeetti kan haammattu, hundaaf kan taatu akka taatuuf namoonni bifa addaan qabsa’an naannoo kana irraa ba’anii jiru. Baaroo Tumsaa, Hayilee Fidaa, Leencoo Lataa, Galaasaa Dilboo… namootaa baayyee kaasuu dandeenya. Abboottiin keenya nu dura ba’anii eenyummaa keenya akka barruuf qabsoon karaa nagayaan uummati keenya walqixxummaadhaan, abbummaandhaan biyya kana kanakeessatti jiraachuu akka danda’au namootni qabsa’anii aarsaa ta’an, namootni har’as qabsa’aa jiran biyya kana, naannoo kana irraa kan ba’an ta’uu itoophiyaan sirnaan yaadachuu ishee irraa eegama jedheen yaada.
Kanaa alatti yeroo ammaa akka mootummaatti sirna ijaaruu, (jaarmiyaa) ijaaruu dadhabuu irraa kan ka’e biyyi kun qoramaa jirti. Biyya kana keessatti namootni sirna ijaaruun beekaman baayyeen haa jiraatan malee, kan akka Yilmaa Dheeressaa maqaan isaa ol ka’ee dubbatamu hin jiru. Yilmaa Dheeressaan sirna uumeen kunoo hanga har’aa kan inni hojjatee, inni barsiisee inni ijaareen, mootummaan kun kan gargaaramu duwwaa osoo hin taane , akka fakkeenyaatti har’as kan ka’u ta’eera.
Wallaggi seenaa qaba, Wallaggi qabsaa’eera. Wallaggi nama baayyee of keessaa baasee jira. Kana duwwaa miti. Teessoon Wallaggaa Oromiyaa keessatti adda. Wallagggi Naannoo Beenishaanguul, Naannoo Gaambeellaa, Naannoo Amaaraan wal daangessa. Wallaggi Sudaaniin wal daangessa. Wallaggi Iluu Abbaa Boor, Buunnoo Bedellee, Jimmaa, Shawwaan wal daangessa. Haa ta’u malee bu’uura misoomaa waan hin qabaanneef waan asitti ooomishu gabaatti baasee, kan hin qabaanne ammo achii bitee fidachuuf rakkachaa tureera. Bara Wallaga keessa turreetti asii gidaamii, asii Begii konokolaataan deemuun kan yaadamu hin turre. Gaambeellaa Dambidoolloo dhufuun kan yaadamu hin turre. Amma hawwiin keenya, fedhiin keenya, hojiin hojjachaa jirru Wallagga Sudaanitti aspaaltiidhaan baasuudha. Wallagga Gaambeellaatti baasuudha. Wallaggi Beenishaangul aspaaltiidhaan deemuu akka danda’u gochuu dha. Gara Finfinneettis akkasuma. Kun ta’aa jira.
Akkumas sila Jaalleen Shimallis kaasetti, maallaqa baayyee ramaduudhaan Lixa itoophiyaa walitti fiduun hojiin guddaan hojjatamaa jira. Kun kan ta’aa jiruuf Oromoo waan taaneef, Oromoo addattu fayyaduu waan barbaadnuuf miti. Wallaggi Qellem kanaa olitti argachuu osoo qabuu, kanaa olitti osoo ta’uufii qabuu dagatamee waan tureef amma hojjachaafii jirra.
Namootni Wallaggatti yookaan misoomni ta’aa jira jedhanii yaadan yoo jiraatan dogongoranii jiru. Lixatti, Wallaggatti reefuu jalqabaa jirra. Kana caalaatti hojii baayyeetu nurraa eegama. Maaliif? Wallaggi quunnamuu baanaan, biyyoota olla, naannolee ollaa, godinaalee olla wajjiniin… oomishi bunaa asitti hafuu isaati, Maangoon asitti hafuu isaati, albuudni asitti hafuu isaati. Asitti hafuu isaatiin kan miidhamu uummata Walaggaa duwwaa miti. Uummata Itoophiyaa guutuutu kanaan miidhama. Kanaaf Naannoon kun waan argachuu qabu, waan isaa tolu dhabee waan tureef xiyyeffannaa addaattin misoomsuu gaafa kaanu gargaarsa addaa gochaafii kan jirru osoo hin taane, waan isaa malu, waan isaa tolu, kan kaan dura ta’uudha malu, isa dagatame yaadannee deebisa akka jirru firris ormis hubachuu qaba.
Uummata Dambidoolloofi ergaan dhaamuu barbaadu, isin keessatti guddannee eenyummaa keessan waan beeknuuf, tasgabbii, si’annaa, Waaqa-sodaachuu, miila lamaan lafarra ejjatanii adeemuu, sammuudhaan xiinxaluu, (garaa) bal’ifachuu, isa kaan haammachuu isi gorsuu hin danda’u.
Haa ta’uyyii malee, ergaan dargaggootaaf dhaamuu barbaadu, nu keessatti qabsoon yaadaa jiraachuu ni mala. Oromoo bal’aa dha. Yaada baayee of keessaa burqisiisuu danda’a. Oromoon Oromoo irratti gaafa qabsaa’u misoomni akka hin hojjatamne kan dhaabu taanaan hin miidhamna. Misoomni haa hojjatamu, nageenyi biyya keenyaa haa eegamu, uummatni keenya nagaan ba’ee haa galu. Isa kaan ammo karaa nagaa ta’een yaada keenya hubachuu, uummatni keenya yaada keenya akka hubatu gochuun ni danda’ama. Daandii dhaabuudhaan, Yuunibarsitii dhaabuudhaan, maqaa haaraa uummata keenyaaf… uummatni keenya bineensa miti, uummatni keenya nama hin nyaatu, uummatni keenya nama hin dhiibu nama haammatee jiraata, waan hin qabaanne, waan haaraa, maqaan haaraan uummata keenyaaf akka ba’u gochuun ammaaf injifannoo haa fakkaatu malee oolee bulee nu rakkisa waan ta’eef, adaraa tasgabbiidhaan (garaa) bal’ifannee hojii qabatamaa hojjannuun jaalala uummata keenyaaf qabnu agarsiisaa, waliin dhaabbachuu akka dandeenyu, garaagarummaan ilaalchaa garaa nagaa duwwaa ta’uu akk qabu.. wal ajjeesuu, wal dhiibuu, wal irratti hinaafuudhaan Oromoo fi Oromiyaa miidhuun alatti injifannoo haaraa galmeessisuu waan hin dandeenyeef, tasgabbiin baayyee murteessaa dha.
Kana irrati fakkeenya tokko kaasuun barbaada. Bakka wayiitti namoonni sassaabamanii utuu dhaabbatanii, tokko bishaan argee (daakuu hin beeku), bishaan daakuu namoota achi dhaabbatanitti agarsiisuu waan barbaadeef utaalee bishaan keessa gala. Gaafa keessa galu bishaan akka argan kana miti, keessa gallaan rakkiisaa dha ni beektu, namichis daakaa hin beeku, ni rakkate. Rakkatee, du’uudhaaf wixxifate. Namootni achi jiran baayyeen isaanii hin boo’uu, hin iyyuu hin wocu, gar malee wocu. Tokko achi keessaa kan laphee addaa qabu warra wacan ilaalee, (deebi’ee) namicha ilaale. Amma wacni kun namicha kana fayyisu hin danda’amoo hin danda’u jedheetu hatattamaan xiinxale. Dubbiin akkas ta’uu akka hin dandeenye waan hubateef , wayyaa uffatee wajjiniin utaalee bishaan keessa gale. Hin wacnee, hin iyyinee, hin boonyee, hin iyyine, utaalee bishaan keessa galee namicha baatee baase. Amma inni galee, namicha tattaafatee baasus inni kaan hin waca.
Wacuun nama hin fayyisu. Kan nama fayyisu waan gochuu dandeenyu barree, waan gochuu dandeenyu hubannee lubbuu namaa hambisuu dha. Wacaan, iyyuun fayyisuun osoo danda’amee baayyee waan taaneef silaa hin goona. Kan nurraa eegamuu fi barbaachisu hojjachuu dha. Kan nurraa eegamuu fi barbaachisuu, Dambidoolloo biyya jiituu fi biyya bareedduu akkasii namootni dhufani akka arganiif Gaambeellaatti asfaaltoo baasuu, asoosaatti asfaaltii baasuu, Finfinneetti asfaaltii duwwaa osoo hin taanee oolee bulee haayweeyii karaa babal’aa makiinaa baay’ee dabarsuu danda’u baasuu, uummatni kaan biyya alaatii dhufee, nu keessa taa’ee eenyummaa keenya akka baratu, akka qoratu gochuu dha. Kana gochuuf akka guddina keenyaa, akka bal’ina keenyaa akka aadaa fi seenaa keenyaa ta’uun baayyee barbaachisaa dha.
Farankaan kiisii keessa gaafa taa’u hin waca, hin ulfaata. Farankaan sadii-afur kiisii keessa jiraannaan, kissiin jeeqamaa dha, waca baayyeetu jira. Qarshiin abbaa Dhibbaa, Abbaa Dhibba Lamaa jiraannaan, sagaleen isaa hin dhaga’amu. Gaafa ol guddachaa baatanii, gaafa gochuu dandeessanii, afaan sassaabbachuu, laphee bal’achuu, hojjatanii agarsiisuu barbaada. Akka farankaa wacuun xiqqummaa irraayyi, xiqqummaan nuu hin tolu, xiqqummaan nuu hin ta’u. Haa hojjannuu! Rafaa, dhugaa, mana dhugaatii oolaa uummata kana jijjiiru hin dandeenyu. Yoo dandeenye halkaniif guyyaa hojjachuu; bakka dadhabnetti akka aadaa keenyaatti jaarsolii fi haadholii nuu kadhadhaa jennee kadhachuu– kanatu nu baasa. Kana goonaan, waan jalqabne fiixaan baasuu dandeenya. Kana gochuu baannaan akka farankaa wacuu malee akka birrii abbaa 200 haajaa guddaa baasuu waan hin dandeenyeef akka guddummaa keenyaa akka taanu gorsa koon dabarsa. Keessattu dargaggoon naannoo kanaa, akkuman sila kaase, isin keessaa nama baayyeetu ba’e. Namoota gurguddaa fakkeenya nuu ta’u danda’an baayyeetu ba’e.
Dargaggoon akka guyyaa oolmaati. Namni ganama isaa balleesse guyyaa isaa sirreeffachuu hin danda’u. Guyyaan gaariin kan jalqabu ganama. Namni ganamaan ka’ee guyyaa isaa kadhannaan, hojiin jalqabee guyyaa milkii argata. Namni dargaggummaa isaa bakka hin taanetti bal’eesse, galgala isaa bareeffachuu hin danda’u. Amma yeroon humnaa, amma yeroon hojii, amma yeroon dubbii itti xiinxaluu dandeenyu. Adaraa tasgabboofnee, waan keessa dabarres yaadannee, tokkummaa keenya cimsinee, misooma hawwinee, meeqa kadhanne , kanaan dura kan beektan sana, isa ofitti deebifnee misoomnee, uummata keenya jijjiirree, biyya keenya jijjiirree Itoophiyaa ijaaruun nurraa eegama. Maaliif? Ijoollee Abdiisaa Aagaa waan taaneef!
Kana gochuudhaan…Itoophiyaan dhiphoodhaa, Oromoon Itoophiyaa irraa kan ce’ee Keeniyaa keessatti, Keeniyaa keessa darbee Taanzaaniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa sanyiin isaa-qacceen isaa uummata argamuu dha. Dhiphachuun nuu hin ta’u. Bal’achuu, bal’ifachuu, haammachuu, fagaatanii ilaalutu nuu ta’a waan ta’eef dargaggoon seenaa kana qorachaa, yeroo keessan itti fayyadamtanii Itoophiyaa ijaaruuf akka dhaabattan amaanaa koon dabarsuu barbaadaa.
Baayyeen isin jaaladhaa, baayyeen isin kabajaa, isin gidduutti argamuu koof ulfina guddaatu natti dhaga’amaa. Gaafa daandiin kun ba’u dhufnee eebisuuf eebisuuf nuu haa ga’u. Amma sanatti nagaa nuuf ta’a nagaa nuu jiraachaa jechuun barbaada!
Haasaa MM Abiyyi Ahimad jalqabbii ijaarsa daandii Dambi Doolloo -Muggii- Doolloo yeroo jalqabetti taasisan
Gurraandhala 7, 2013
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.