Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoota kuma 7 olirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)-Fooyya’iinsa Diinagdee Gooroo taasifame sababeeffachuun daldaltoota gatii hinmalle dabalanii fi omisha dhoksanii argaman kuma 7 olirratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu Ministeerri Daldaalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Kaasaahuu Gofeen akka beeksisaniitti, sharafa alaarratti fooyya’iinsa taasifame sababeeffachuun daballii gatii oomishaaleerratti mul’atu tasgabbeessuuf sadarkaa hundatti to’annoo fi hordoffiin qindaa’aan taasifamaa jira.

Kana malees hojiin hubannoo uumuu gaggeeffamuu himan.

Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf konkolaattonni meeshaalee bu’uuraa fe’an kuma 1 fi 649 oomishaalee gabaaf dhiyeessaa jiraachuu, zayiitni nyaataa liitirri kuma 115 adeemsa raabsaarraa jiraachuus eeran.

Yeroo ammaas hanqinni oomishaa kamuu kan hinjirre ta’uu ibsuun, daldaltoota gochaa seeraan alaarraa of hinqusannerratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu hubachiisuu ragaan miisteericharraa argame ni mul’isa.

Hanaga ammaattis fooyya’iinsaa taasifame hordofee daballii gati kanneen taasisanii fi oomishaalee dhoksuun daldlatootaa kuam 7 ol irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.