Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoota dhadhaa wantoota farra fayyaa ta’an waliin walitti makuun gurguruuf turan irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Daldaltoota dhadhaa kiiloo giraama kuma 5tti siquu wantoota farra fayyaa ta’an waliin walitti makuun gurguruuf turan irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Tibba kana duula sakattoo magaalaa Miizaan Amaan, godinaalee Kafaa fi Beench Shakkootti gaggeeffameen, dhadhaan Birrii miiliyoona 2.1tti tilmaamamu kiiloon kumni 4 fi 849 wantoota farra fayyaa ta’aan itti makuun gurguramuuf ture to’atameera.

Daldaltoota 30 yakka kanarratti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamu ragaan Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichootaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.