Daldalli seeraan alaa fi koontirobaandiin galii dinagdeen maddisiisu walitti qabuuf gufuu ta’uun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Daldalli seeraan alaa fi kontirobaandiin akkasumas, itti fayyadamni teeknooloojii ammayyaa kenniinsa tajaajilaas ta’e, galii diinagdeen maddisiifamu ga’umsaan walitti qabuuf gufuu ijoo ta’uun ibsameera.
Ministeerri Galiiwwanii, Koomishinii Gumurukaa fi qondaaltonni olaanoo Ministeeraa Maallaqaa hojiilee baatiiwwan bara 2015 hafanitti hojjetamanii fi hojiilee bara baajataa itti aanutti hojjetaman irratti mari’atameera.
Ministiirri Galiiwwanii Ayinaalam Niguseen, Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Koomishinara Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa, Ministir Deetaawwanii fi Daayrektaroonni hirmaataniiru.
Sanada mariif dhiyaateen, kenniinsa tajaajilaa fi galii walitti qabuun raawwiin Miniteera Galiiwwanii fi Komishinii Gumurukaa fooyya’iinsa argisiisuun eerameera.
Daldalli seeraan alaa fi Kontirobaandiin akkasumas, itti fayyadamni teeknolojii ammayyaa kenniinsa tajaajilaas ta’e galii diinagdeen maddisiifamu ga’umsaan walitti qabuuf gufuu ijoo ta’uun ibsame.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen, seektarri galii humna guutuun akka hojjetuu fi itti gaafatama irraa eegamu sirnaan akka bahatuuf mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisuu hubachiisaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.