Fana: At a Speed of Life!

Daldalli Raashiyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti taasifamu dabalaa jira-Putin

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC)-Daldalli Raashiyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti taasifamu dabalaa jiraachuu Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Vilaadmiir Putiin Yaa’ii BRICS 16ffaa Kaazaanitti gaggeeffamaa jirurratti waliin mari’ataniiru.
Marichaarratti Dooktar Abiy simannaa Vilaadmiir Putiin taasisaniif galateeffataniiru.

Raashiyaan waraana keessa taatus cimina diinagdee itti fufsiisuun milkooftuu ta’uu dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaan Raashiyaa waliin, dameewwan diinagdee, dippiloomaasii fi nageenya irratti hariiroo qaban cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Pireezidaanti Putiin gama isaaniin, Itiyoophiyaan miseensa biyyoota BRICS ta’uun tarkaanfii murteessa ta’uu fi biyyattiin waltajjiiwwan idil addunyaarratti fudhatamummaan qabdu dabalaa dhufuu akeekaniiru.

Hariiroon misiyoonota dippiloomaasummaa biyyoota lameen gidduus fooyya’aa dhufuu himaniiru.

Yeroo ammaas hariiroon daldalaa Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduu dabalaa dhufuu kaasanii, biyyi isaanii dameewan indaastiriin tumsa qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Dabalataan Rashiyaan hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdurratti akka xiyyeeffattu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.