Fana: At a Speed of Life!

Daldalaa seeraan alaan Birrii biiliyoona 3.6 waliin dhahamuuf ture baraaruun danda’ame

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC) – Bara baajataa xumrame kanatti daldalaa seeraan alaan Birrii biiliyoona 3.6 waliin dhahamuuf ture baraaruun danda’amuu Komishiniin Gumurukaa beeksiiseera.
Hojii sosochii Kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa ittisuuf hojjatamaa ture ilaalchisee hoggantoonni Komishinii Gumurukaa fi Poolisii Federaalaa marii taasiisaniiru.
Komishinichi Birrii biiliyoona 2.3 baraaruuf karoorfatee Birrii biiliyoona 3.6 baraaruu danda’uu maricharratti ibsameera.
Komishiniin Gumurukaa bara baatajaa eegalame kanatti Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 55 walitti qabuuf karoorfate milkeessuuf raawwii hojii bara darbee keessatti ciminoota turan itti fufsiisuu fi hanqinoota ammoo turan maksuun yoo hojjete bu’aa gaarii galmeessuu akka danda’u ibsamuu ragaan komishinicharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.