Daldala Ityoophiyaafi Paakistaan guddisuuf hojjetamaa jira- Ambaasaaddar Jamaal Bakar
Finfinnee, Guraandhala 13, 2015(FBC)- bara 2023tti daldala Ityoophiyaafi Paakistaan gara Doolaara miiliyoona 200tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar ibsan.
Ambaasaaddar Jamaal turtii “Paakistaan Deeyilii Taayims” waliin taasisaniin, hariiroon dldala biyyoota lameenii sababa rakkoo walitti hidhamiinsa dhaabbileen laafaa ta’ee turuu kaasaniiru.
Kana hubachuun baatiiwwan ja’an darbanitti biyyoota lameen gidduutti walitti hidhamiinsa dhaabbilee uumuuf akkasumas hariiroo mootummaafi daldaltootaa cimsuuf tattaaffiin taasifamuu eeraniiru.
Yeroo ammaa biyyoonni lameen dameewwan tuurizimii, tumsa siyaasaa, diinagdeefi hariiroo uummataan haala cimsuun danda’amurratti hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.
Hariiroo daldalaa biyyoota laameenii xumura bara faranjootaa 2023tti Doolaara miiliyoona 200 irraan gahuuf karoorri kabamuu ibsaniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.