Fana: At a Speed of Life!

Daldala Alaa Buna, Shaayiifi mi’eessituuwwan irraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.2 ol argame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Daldala Alaa Buna, Shaayiifi mi’eessituuwwan irraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.2 ol argamuun ibsameera.

Baatiiwwan saddettan darbanitti oomisha bunaa toonii kuma dhibba 2 fi kuma 69 fi 114 ol  akkasumas oomisha shaayiifi mi’eessituuwwan gabaa alaaf dhiyaatan  irraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 35 argamuu eerameera.

Raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu caalmaa toonii kuma dhibba 1 fi kuma 12 fi 618 maallaqaan ammoo caalmaa Doolaara miiliyoona dhibba 5fi miiliyoona 12.71 qabaachuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.