Fana: At a Speed of Life!

Dadhabuu Onnee

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Onneen qaama dhiiga karaa hidda dhiigaa keessaan qaamota keenya garagaraatiif raabsuudha.

Dhiigni ammoo Oksijiinii fi wontoota biroo kan dalagaa qaama keenyaatiif barbaachisoo ta’an of keessatti qabatee deema; wantoota qaama keenyaaf hin barbaachifnes qaamota irraa fuudhee deebi’a.

Onneen dalagaa ishee kana hojjachuuf cinaa (side) lamatti fi kutaa (chamber) afuritti qoodamti.

Cinaan mirgaa dhiiga deebi’uu fudhachuu fi sombaaf dabarsuu irratti dalaga.

Cinaan bitaa ammoo dhiiga sombi Oksijiinii itti goote fudhatee qamoota keenya hundaaf raabsa.

Kutaan arfan ammoo lama cinaa mirgaatiin lamaan ammoo cinaa bitaatin argamu.

Isaan cinaa gara tokkoon argaman waan xiqqoo akka arrabaa jirtu kan cufamtuu fi banamtu kan ‘Valve’ jedhamtuun adda bahu.

Akkuma qaamota keenya kan biroo dalagaa ishee dalaguuf Onneenis dhiiga karaa hidda dhiiga onneetiin (coronary artery jedhamuun) dhiiga maashaa onneetiif raabsiti.

Kanaaf dadhabuun onnee rakkinnoota/dhukkuboota akkasumas uumamaan sirrii ta’uu dhabuu qaamota onnee kanniin armaan olitti eeraman (Maashaa onnee, Valvii/’valve’ onnee, hidda dhiigaa onnee/’coronary artery’ fi kkf ) keessaa tokko irraa ta’uu danda’a.

#Dadhabuu_Onneetiif_maaltu_sababa_ta‘a?

*Dhukkuba dhiphachuu hidda dhiiga onnee (coronary artery disease).

Inni kun yeroo dheeraa (waggoota) keessatti coomni/kolestirooliin/ hidda dhiigaa keessatti kuufamaa deemu dhiphachuu hidda dhiigaa onnee wayita umamaauudha.

Kuufama koolestrolli irraas addatti hiddi dhiigaa kun tasa cufamuu danda’a.

Yeroo kana dhukkubbiin hamaan lubbuu namaa tasa du’aaf saaxiluu danda’u nama mudachuu danda’a.

Dhiigni ititees hidda kanniin cufuudhaan dhukkubii hamaa kan (Dhukkuba onnee akka tasaa) namatti fiduu danda’a.

#Dhiibbaa_Dhiigaa (Hypertension):

Yoo dhiibbaa dhiigaa qabaanne onneen teenya dhiibbaa hiddoota dhiigaa keessa jiran irra aantee dhiiga qaamota keenyaaf raabsuuf dalaga guddaa hojjachutu irraa eegama.

Turtii waggoota booda maashaan onnee yabbachuu fi dhawaata dhawaataan kutaan onnee cinaa bitaa jiru akka bal’atu gochuudhaan onneen teenya dalagaa ishee akka dadhabdu godha.

Dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun ykn yaala isaa hordofuun carraa kana haalaan xiqqeessa.

#Rakkinna_Valvii_onnee:

Valviin onnee cufamaa fi banamaa kallattii sirrii yookaan barbaachisaa ta’een dhiigni onnee keenya keessa deemuun akka qaamota biraatiif tamsa’u tajaajilti.

Rakkinni ykn dhukkubni valvii kana miidhan valviin kun akka dhippatu yookaan guutummaatti akka barbaadamutti cufamee akka hinbanamne gochuun onneen dalagaa ishee haalaan akka hindalagne godhu.

Kunis dhawaataan dadhabinna onnee fida.

#Dhukkuboota_maashaa_onnee (cardiomyopathy):

Maashaan onnee infeekshiinii garagaraatiin, alkoolii baay’isanii dhuguu fi dawaa garagaraa fudhachuudhaan miidhamuu danda’a.

Uumamni maashaan kun namoota tokko tokko irratti qabu rakkinnota kanaf yoo saxilaman salphaatti akka miidhaman gochuu danda’a.

#Uumamaan_sirrii_ta‘uudhabuu qaamoota onnee (Congenital Heart Disease);

Uumamni qaamota onne (vaalvi, hiddi dhiigaa fi kkf) umaamni isaanii sirrii ta’uu dhabuun onneen dalagaa ishee haalaan akka hindalagnee fi dadhabdu gochu danda’a.

Halli uumamaan sirri ta’uu dhabuu onne (Congenital Heart Disease) gosaa garagaraa kan qabuu fi miidhan isaan dalaga onnee fi qaamaa irratti qaban akkasuma garagarummaa guddaa qaba.

* Dhukkuboota biroo kan akka Dhukkuba Sukkaraa, dhukkuba baay’achuu hormoonii Xannacha Tayirooyidiitiin omishaman, dhiigni itite hidda dhigaa onnee irraa gara sombaa deemu cufuun fi Hanqinna dhiigaa baay’ee gadi bu’aa ta’e isaan dadhabuu onnee fidan keessaa ijoo kan ta’aniidha.

#Mallatooleen_Dadhabdu_Onneen mul’atan:

Mallatooleen kunniin turtii yeroo dheeraa keessatti jabaataa dhufuu yookaan haala dhibee irratti hunda’uun yeroo gababduu keessatti mul’achuu danda’u.

* Hafuurri nama hanqatuu

* Boraatii malee yoo ciisan hafurri nama hanqatuu ykn nama hargansiisu

* Halkan erga rafanii booda qilleensi nama hanqate ykn ukkamsee hirriba ka’uufi qilleensa argachuuf gara foddaa deemuu ykn foddaa banachuu

* Nama dadhabsiisuu

* Miili keenya Dhiita’uu

* Dhahannaan onnee keenya ol ka’u fi tartiibaan dhahachuu dhabuu

* Yoo dalagnu yookaan hojii irratti dafne dadhabu

* Qufa’u keessattuu galgala galagala. Yeroo tokko tokko aakeen qufaa wajjiin bahu dhiiga makachuu.

* Garaan Dhiita’uu

* Dhangala’oon qaamoota keenya irratti waan kuufamaniif ulfaatinna dabalu
* Fedhiin nyaataa gadi bu’uu

* Dhahannaan onnee yookaan yoo onneen dhahattu namatti beeksisuu.

* Dhukkubbiin naannoo onnee fi qoma gara bitaa fi ceekuu bitatti namatti dhagahamuu.

Mallattooleen kun hundi yeroo tokkotti mul’achuu dhabuu danda’u.

Namni mallatoolee kunniin irratti mul’ate hundi dadhabinna onnee qaba jechuullee miti.

#Of_eeggannoo_taasisuu_qabnu:

* Mallatoolee armaan olitti eeraman keessaa hedduu isaanii yoo of irratti agarree mana yaalaa deemnee qorannolee barbaachiso taasisuu

Waliigalaan fayyummaa onnee keenyaaf:

 Tamboo ykn sigaaraa aarsuu dhabuu.

 Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu- Yoo dhukkubbiin hamaa ta’e naannoo qomaa fi ceekuu bitaatti nutti dhagahamaa jiraate sochii qaamaa addaan kutuu qabna.

 Ulfaatinna qaamaa hojjaa/dheerinna keenyaan wol hin madaalle yoo qabaanne ta’e ulfaatinna san hirdhisuu.

 Nyaata sirrii ta’e filachuu; jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu. Soqida nyaataf dhugaatii keessattis xiqqeessanii fayyadamuu. Nyaata akka foon diimaa, cooma, killeefi dhadhaa daran xiqqeessuu.

 Dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiif dhukkuba sukkaaraa yoo qabaanne haalaan to’achu. Yaalaa isaani haalaan hordofuu.

 Dhukkuba dadhabuu onnee qabaachuun keenya mirkanaaye qoricha fudhanna taanaan qoricha nuuf ajajame san haala Doktorri keenya nuuf ajajeen fudhachuu. Hordoffii yaalaafi qorichaa addaan kutuu dhabuu.
Madda: Dr. Nuredin Luke

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.