Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsii fi gurgurtaan meeshaalee waraanaa seeraan alaa dhaabbachuu qaba – aadde Adaanachi Abeebee

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Miidhaan daddabarsii fi gurgurtaan meedhaalee waraanaa seeraan alaa nama dhuunfa hanga biyyaatti qaqqabsiisaa jiru dhaabbachuu akka qabu Haati Alangaa Waliigalaa FDRI aadde Adaanachi Abeebee hubachiisan.

Haati Alangaa waliigalaa aadde Adaanachi miidhaa meeshaaleen waraanaa seeraan alaa geessisaa jiru to’achuuf labsii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummaatan ragga’e hojiirra ooluuf jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.

Daddabarsii fi gurgurtaan meeshaalee waraanaa seeraan alaa yeroo ammaa guutuu addunyaatti qormaata ta’aa jiraachuu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Yakka nama dhuunfaa hanga biyyatti miidhaa hammaataa qaqqabsiisaa jiru kana ittisuuf qaamni hunda qindoominaan hojjechuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Labsiin Meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’achuuf ba’e kun nageenya biyyaa fi lammiilee eeguuf kan qophaa’edha jedhan Haati Alangaa Waliigalaa FDRI aadde Adaanachi Abeebee.

Eeyyamaan ala meeshaalee waraanaa miidhaa geessisan, manatsira dirree waraanaa meeshaalee waraanaa kamiiyyuurratti hidhamuu danda’an alaa galchuus ta’ee alatti baasuu, qabachuu, fayyadamuu, olkaa’uu, daddabarsuu, bituu , kuusuu, agarsiisuu, gurguruu, imalchiisuu, oomishuu, fi dhabamsiisuu labsiin kun ni dhorka jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.