Dadaritti balaa tiraafikaan lubbuun namoota cidhaa galan 3 darbe
Finfinnee, Amajjii 24, 2017 (FMC)-Godina Harargee Bahaa Magaalaa Dadaritti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota cidhaa galan 3 darbuu Qajeelchi Poolisii Godinichaa beeksise.
Balichis Konkolataan Ayisuzuu Aana Dadar irraa gara Magaalaa Qobbootti imalaa ture karaarraa maquun mudachuun ibsameeraa.
Balichaan namoonni cidha irraa galan 3 battalumatti lubbuun isaanii yoo darbu, namoota 5 irra miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatti Itti Gaafatamaan kutaa Kominikeeshinii fi Miidiyaa Gargaaraa Inispeektaraa Kaasiyyee Abbabaa FMC’tti himaniiru.
Ka’umsi balichaas halkan ariitiin konkolaachisuurraan akka ta’e eerameera.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia