Daballiin gatii manneen barnootaa dhuunfaan taasisan garmalee ta’uu maatiin komatan
Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Daballiin gatii manneen barnootaa dhuunfaan taasisan garmalee humnaa ol kan ta’eedha jechuun maatiin komataniiru.
Manneen barnootaa dhuunfaan dhaloota qaruun galma isaanii ta’us akka daldalaatti hojjechaa jiraachuu jiraattoonni kunneen komii isaanii Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Ogeessi sirna barnootaa gargaaraan Piroofeesaraa Alamaayyoohi Talkamaariyaam daballiin gatii manneen barnootaa dhuunfaa adeemsa baruu fi barsiisuuu fi qulqullina barnootarratti dhiibbaa qabaachuu ibsaniiru.
Mootummaan tilmaamama gatii baasuu kan hin dandeenye ta’uus to’annoo taasiisuu kan danda’u ta’uu Ogeessi qabeenya diinagdee Dooktar Makonniin Kaasahuun ibsaniiru.
Mootummaan manneen barnootaa isaa cimsuuf yoo hojjetee fi manneen barnootaa dhuunfaaf tumsa taasisnaan rakkichi furamuu akka danda’u eeraniiru.
Almaaz Makonniintu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.