Fana: At a Speed of Life!

Dabalatan namoota 760 irratti vaayrsiin koroonaa yoo argamu lubbuun namoota 3 darbeera

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Dabalatan namoota 760 irratti vaayrsiin koroonaa yoo argamu lubbuun namoota 3 darbeera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin, samuudaa namoota 7,264f qorannaan hojjetamee namoota 760 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Lubbuun namoota 3 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 200 qaqqabeera.

Waliigala Ityoophiyaatti namoonni kumni 12 fi 693 vaayraasichaan qabamaniiru.

Guyyaa kaleessa namoonni140 vaayrasicharraa yoo dandamatan, waliigala lakkoofsi namoota dhibicharraa dandamatanii kuma 5 fi 785 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoonni 68 wallaansa yaala addaa keessatti argamu.

Waliigalaan amma ammaatti qorannaan laabraatoorii namoota 364,322 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.