Fana: At a Speed of Life!

Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedros Adahanoom biyyootni labsii yeroo muddamaa akka kaasaan akeekkachiisan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) – Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedros Adahanoom biyyootni labsii yeroo muddamaa akka kaasaan akeekkachiisan.

Weerara vaayrasi koroonaa qolachuuf suuta suuta tasgabbiidhaan biyyootni labsii yeroo muddamaa akka kaasaan daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedros Adahanoom akeekkachiisaniiru.

Uggura sochii kaasuun ulfaataa fi walxaxaadha  jechuun,biyyootni hedduun garuu uggura sochii laaffisaa jiru.

Kooriyaa Kibbaa fi Jarman keessatti sababa kanaan namoonni haaraa qabamanis dabalaniiru.

Uggura sochii namaa laaffisuun dura biyyoonni weerarri vaayrasicha to’atamu mirkaneeffachuu qabu.

Sirna eegumsa fayyaa yoo namoota haaraa qabamniis dabale to’achuu dandeessisuu fi namoota qabaman addaan baasuuf gargaruu qabachuu biyyoonni mirkaneeffachuu qabu jedhan.

Manneen barnoota yoo deebi’anii banamaniis, namoonni walirraa hiiquu qabu jedhan.

Iddoo hojiittis vaayrasichi akka namootatti hin daddarbine uggura sochii laaffisu dura karoorfamu akka qabus jaarmiyaan fayyaa idil-addunyaa kun akeekkachiisaniiru jechun BBCtu gabaase.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.