Fana: At a Speed of Life!

Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Idil Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom Beejiing imalufi

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Idil Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom Beejiing imalufi.

Dooktar Teediroos Adihaanoom dhimma weerara vaayrasii haaraa Koroonaa vaayras Chaayinatti uumameerratti mari’achuuf Beejiing akka imalan ibsaniiru.

Dooktar Teediroos vaayraasicha ittisuuf hoggantoota hojii mootummaa Chaayinaa fi ogeessota fayyaa waliin ni mari’atu.

Daayreektarichi biyyattin carraaqqi vaayrasicha ittisuu taasifte gargaaruu fi dhimmoota waqtawaarratti ni mari’atu.

Weerara Koroonaa Vaayrasichaan hanga ammatti lubbuu namoota 80 yoo darbu, Chaayinaan alatti biyyoota 12 keessatti vaayrasichi muldhateera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.