Fana: At a Speed of Life!

Daayimadiin guddinaan Addunyaarraa 2ffaan argame

Finfinnee, Hagayya 16, 2016 (FBC)- Daayimadiin guddinaan Addunyaarraa 2ffaa ta’e Bootsiwaanaatti argamuun dhaga’ame.

Daayimandiin addunyaarraa guddinaan 1ffaa ta’e bara 1905 Afrikaa Kibbaatti kan argame yoo ta’u, Kaaraatii kuma 3 fi 106 ta’uu BBC’n gabaaseera.

Daayimandiin Bootisiwaanaatti amma argames kaaraatii kuma 2 fi 492 ta’uun ibsameera.

Albuudi kun bakka Karowee jedhamu Magaalaa guddoo Botisiwaanaa, Gaaborooniirra fageenya kiiloo meetira 500 irratti argamuu fi qabeenya albuudaan badhaadhetti akka argame ibsameera.

Bootisiwaanaan omisha Daayimandiitiin addunyaarratti biyyoota sadarkaa jalqabaarratti eeraman keessatti tokko yoo taatu, gabaa Addunyaa keessa %20 kan qooddattu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.