Daawwannaan qonnaafi indaastirii Naannoo Afaaritti taasifame humna oomisha nyaataatiin of danda’uu naannichatti guddataa dhufe kan mul’isee dha – Doktar Abiyyi Ahimad
Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Daawwannaan qonnaafi indaastirii Naannoo Afaaritti taasifame humna oomisha nyaataatiin of danda’uu naannichatti guddataa dhufe kan mul’ise ta’uu Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.
Doktar Abiyyi Giftiduree Zinnaash Taayyaachoo waliin hojiilee misoomaa gurguddoo Naannoo Afaar kan daawwaatan yoo ta’u, Waarshaa Daabboo Waajjira Giiftdureen ijaarames eebbisaniiru.