Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan MM Abiy Ahimad Ameerikaatti taasiisan hariiroo Ityoophiyaan dhaabbilee idil addunyaa waliin qabdu cimsa – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Daawwannaan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ameerikaatti taasiisan hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaan dhaabbilee idil addunyaa waliin qabdu kan cimsu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem sochii dippiloomaasii Ityoophiyaa yeroo ammaa ilaalchise ibsa laataniiru.

Daawwannaan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi Yaa’ii Afrikaa – Ameerikaarratti hirmaachuun isaanii sochii Dippiloomaasii Ityoophiyaa bu’aa qabeessa taasiisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Michummaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa bara dheeraa lakkoofsise caalmaatti kan cimsu ta’uu eeruun, Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaa ijaarsa nageenyaa Ityoophiyaan eegalte kan deeggaran ta’uu dubbataniiru.

Baankiin Addunyaa deebisanii ijaaruuf kan oolu Doolaara miiliyoona 745 deeggarsa taasiisuuf murteessuu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.

Bu’aa Ityoophiyaan duula Ashaaraa magariisarratti galmeessiteef Muummeen Ministiraa FDRI badhaafamuu eeraniiru.

Gama biroon Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaaqaa Makonniin Ambaasaaddarootaa fi bakka buutoota Gamtaa Awurooppaa Finfinneetti argaman waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu isaanii dubbataniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.