Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaa sochii misoomaa tibbana taasisaa turreen baadiyyaaf magaalaa Oromiyaa keessa fulla’uun miira hawaasa dhaggeeffanneerra – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) – Daawwannaa sochii misoomaa tibbana taasisaa turreen baadiyyaaf magaalaa Oromiyaa keessa fulla’uun miira hawaasa dhaggeeffachuun faara isaanii arguun, waadaa keenya haaromsuutti jirra jedhan Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis daawwannaa tibbana taasiisaa turan ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Daawwannaa sochii misoomaa keenya tibbana taasisaa turreen baadiyyaaf magaalaa Oromiyaa keessa fulla’uun miira hawaasa keenyaa dhaggeeffannee, faara isaa arginee, waadaa keenya haaromsuutti jirra.

Har’as Godina Shawaa Lixaatti argamuun sochii misoomaa garaagaraa aanaalee godinichaa akkasumas pirojektoota Bulchiinsa Magaalaa Amboo keessatti raawwatamaa jiran daawwannee jirra. Sochiin misoomaa godinichaa jajjabeessaa ta’us fedha ummataatiin yoo waliin madaallu ammas karaa fagoo qaari’uu qabnutu fuuldura keenya jira.

Mootummaan jijjiiramaa kan humnaan ummata irratti ijaarame osoo hintaane bu’aa qabsoo ummataa waan ta’eef, haala qabatamaafi gaaffii ummataa gochaa qabatamaan kan furu malee mararfannaa qofaan kan bira taruu miti; gaaffiin hawaasa sossobbiin kan deebi’u akka hintaane Mootummaan jijjiiramaa keenya nihubata.

Bu’uuruma kanaan, inisheetivoota Looreta Nagaa Addunyaa kab. Mummee Ministiraa keenya Dr. Abiy Ahmadiin kaa’aman hordofuun naannoo keenya giddugala misoomaa taasisuuf hojjechaa jirra. Qabeenya namaa hedduu, lafa baldhaafi bishaan gannaaf bona yaa’u qabnu imaammata misoomaa sirriin masaknee dinagdee ummata keenya giddugaleessa taasifate ijaaruu cimsinee kan itti fufnu ta’a.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.