Daawwannaa Muummeen Ministiraa Turkitti taasiisaniin waliigalteen 4 mallattaa’uu ibsame
Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Daawwannaa Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Turkitti taasiisanii Ityoophiyaa fi Turki gidduutti waliigalteen 4 mallattaa’uu ibsameera.
Haaluma kanaan biyyoota lameen gidduutti:-
1. Waliigalteen tumsa misooma damee bishaanii
2. Waliigalteen uwwisa loltummaa
3. Waliigalteen hojiirra oolmaan tumsa faayinaansii loltummaa fi
4. Waliigalteen sanada tumsa loltummaa mallattaa’uu himameera.
Daawwannicharratti Dooktar Abiy iddoo yaaddannoo awwaalchaa Aniitikabiritti abaaboo kaa’aniiru.
Hariiroon Ityoophiyaa fi Turkii tumsa walkabajuu fi wal amanuurratti kan hundaa’e ta’uu Dooktar Abiy kaasaniiru.
Hariiroo biyyoota duudhaa fi aadaan badhaadhan madaalu ta’uu dubbataniiru.
Preezdaantiin Turkii Reesiip Xaayiip Eerdoogaan masaraa mootummaatti Dooktar Abiyyiif simannaa erga taasiisanii booda jilli hoggantoota lamaanii marii waloo taasiisuu Waajjirri Muummee Ministiraa ibseera.
Marii taasiisaniin qaamoleen lamaan yeroo itti aanu tumsa isaanii caalmaatti cisuuf murannoo qaban agarsiisuu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.