Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaa hojii Sargee Laavroov Ityoophiyatti taasisaniin murtoowwan faayidaa biyyoota lameenii eegsisan darbaniiru- MDhA

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Daawwannaa hojii Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Ityoophiyatti taasisaniin murtoowwan faayidaa biyyoota lameenii eegsisan darbuu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Daawwannaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa, dhimma liqii bara Gamtaa Raashiyaarraa harkifachaa as ga’eef bu’aa argamsiisuu ibsaniiru.

Liqicha hogganuuf piroojektoota mootummaan Ityoophiyaa filate irratti dhaabbileen Raashiyaa akka hojjetaniif waliigalteerra ga’amuu eeraniiru.

Piroojektoonni Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 62 baasan waloon hojiirra kan oolan ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Pirezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Dammaqaa Makonnin waliin dhimmoota gamlamee fi damee hedduurratti mari’achuu yaadachiisaniiru.

Mariisaaniin qamooleen lameen hariiroo cimaa gama siyaasaan qaban dameewwan diinagdee, hawaasummaa fi invastimantiin cimsuuf waliigaluu eerameera.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.