Fana: At a Speed of Life!

Daangaan Magaalaa Finfinneefi GAONF fayyadamummaa waloof bu’uura kaa’a- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Daangaan Magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fayyadamummaa waloof bu’uura gaarii kan kaa’u ta’uu Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Daangichi hariiroo hawaasummaa uummataa kan cimsuufi fayyadamummaa dinagdee waaraan kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.

Adeemsi daangessuu akkaataa heera mootummaa FDRI, heera mootummaa naannoo Oromiyaafi Chaartara magaalaa Finfinneen kan gaggeeffame ta’uu TOI gabaaseera.

Daangaan Bulchiinsaa Magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa gidduutti daangeffamuun jiraattota magaalaa Finfinnee fi godina addaarra darbee uummata Ityoophiyaa maraaf injifannoo guddaa ta’uu obbo Shimallis ibsaniiru.

Daangaan hanga yoonaatti jiraachuu dhabuun isaa jiraattotarraan miidhaa geessisaa turuu yaadachiisuun, yeroo ammaa milkaa’ina guddaarra ga’amuu kaasaniiru.

Sirnoonni darban uummata dhiisanii qabeenya lafaa qofarratti xiyyeeffachuun lammiileerra miidhaa hunda galeessa geessisaa turuu yaadachiisaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa hordofee mootummaan aangoo qabate garuu misooma uummataaf, gaaffilee dinagdeefi hawaasummaaf deebii barbaachisu kennaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhimmi daangaa bulchiinsaa gaaffii uummataa yeroo dheeraa deebii argate ta’uu eeraniiru.

Murtichi uummataaf hiikaa guddaa kan qabu ta’uu eeruun, hojiilee hawaasummaafi dinagdee yeroo itti aananitti hojjetamaniif ce’umsa guddaa ta’uu dubbataniiru.

Murticha lafa qabsiisuuf tajaajilli kanaan dura jiraattotaaf kennamu addaan akka hin cinneef wajjirri waloo kan hundaa’u ta’uu ibsaniiru.

Uummata bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.